Fana: At a Speed of Life!

Hanga ammaatti lafa hektaara miiliyoonaa 1.4’rra ruuziin facaafameera-BQO

Finfinnee, Adoolessa 19, 2016 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti hanga ammaatti lafa hektaaraa miiliyoona 1.4 irra Ruuziin facaafamuu Biirroon Qonnaa Oromiyaa Beeksise.

Godina Jimmaa Aanaa Qarsaatti sagantaan facaasaa ruuzii gaggeeffameera.

Hogganaa Ittaanaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Bariisoo Fayyisaan, naannichatti lafa hektaara miiliyoona 1.5 ruuzii misoomsuuf karoorfameen, hanga ammaatti hektaarri miiliyoona 1.4 sanyiin uwwifamuu dubbataniiru.

Godina Jimmaatti Qonna Gannaan lafa hektaara kuma 858 ol facaasuuf karoorfameen hanga ammatti lafti heektarri kuma 939 fi 824 raawwatamuun eerameera.

Kana keessaas hanga ammaatti lafti hektaarri kuma 300 ol ruuziin uwwifamu ibsameera.

Muktaar Xahaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.