Fana: At a Speed of Life!

Hanga ammaatti lafa hektaara miiliyoona 1.2 ol irra Ruuziin facaafameera-BQO

Finfinnee, Adoolessa 3, 2016 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti hanga ammaatti lafa hektaara miiliyoona 1.2 irra Ruuzii facaafamuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.

Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu Godina Jimmaa Aanaa Deedootti facaasaa Ruuzii eegalchiisaniiru.

Barana lafa hektaara miiliyoona 1.5 irratti Ruuzii misoomsuuf karoorfameen hojjetamaa jiruun hanga ammaatti lafa hektaara miiliyoona 1.2 ol facaafamuu Obbo Geetuun himaniiru.

Obbo Geetuun sirnicharratti barana lafa hektaara miiliyoona 1.5 irratti Ruuzii misoomsuuf karoorfameen hojjetamaa jiruun hanga ammaatti lafa hektaara miiliyoona 1.2 ol facaafamuu himaniiru.

Biyya keessaatti oomishuun kan alaa galu bakka buusuutti dabalataan sharafa alaa argamsiisuuf oomisumtummaa Ruuzii dabaluuf xiyyeeffannaan hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Godina Jimmaatti barana kilaastara kuma 12 fi 400 irratti qonnaan bultoota kuma 176 hirmaachisuun Ruuziin oomishamaa jiraachuu Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godinichaa Obbo Mahaammadxahaa Abbaa Fiixaa dubbataniiru.

Warqaafarraawu Yaalawutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.