Fana: At a Speed of Life!

Hanga ammaatti Bunni kuntaalli miiliyoona 3.8 ol walitti qabameera-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Sadaasa 24, 2016 (FBC)- Omisha bunaa kuntaala miiliyoona 11.5 walitti qabuuf karoorfamee hanga ammaatti kuntaalli miiliyoona 3.8 caalu walitti qabamuu Pireezidaantiin naannoo oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisan ibsan.

Pireezidaanti Shimallis, galmoota seektara qonnaa keessaa tokko al-ergii dabaluu ta’uu eeranii, galma kana fiixaan baasuufis inisheetiviin misooma bunaa adda dureedha jedhan.

Bu’uuruma kanaan, bara 2016 omisha bunaa kuntaala miiliyoona 11.5 sassaabuuf karoorfamee hanga guyyaa har’aatti kuntaalli miiliyoona 3.8 caalu walitti qabamuu ibsaniiru.

Raawwiin kun, galmi gama baay’inaafi ariitiin omishuuf qabame milkaa’aa jiraachuuf argisiistuu ta’uu himanii, yeroo ammaas, rakkoo qulqullina omisha bunaatiin mul’atu bu’uura irraa furuuf hojiin eegumsaafi to’annoo qulqullina bal’inaan gaggeeffamaa jiraachuu gama miidiayaa hawaasummaa isaniin eeraniiru.

Omisha bara kana gabaaf dhiyaatu keessaa %75 sadarkaa qulqullinaa 1ffaa-4ffaa akka qabaatu karoorfamuus kaasaniiru.

Kanaafis sassaabbii baranaa jalqabuun dura rakkooleen qulqullina bunaa adda bahanirratti hundaa’uun, sadarkaa naannootii hanga gandaattii marii hubannoo gaggeessuun kallattiin eegumsa qulqullina bunaa kaa’amuu himaniiru.

Marii kanaan, Qonnaan bultoota, daldaltoota, alergitoota, qopheessitoota, hojjetoota mootummaa, hooggantoota siyaasaa, too’atoota abbootii seeraaf hubannoo walfakkataa uumamuu dubbataniiru.

Dabalataaniis, eegumsa qulqullinaa fi gabaa bunaa hooggantoota ol’aanoo sektaraalee adda addaa fi abbootii dhimmaatiin, qindoominaan akka hoogganamu sadarkaa naannootii hanga aanaatti “taskforce”n hundaa’ee hordoffii fi deeggarsi cimaan taasifamaa jira jedhan.

Akkaatuma kallattii kaa’ameen, sassaabbiin bara kanaa qophii taasifamuu qabu hedduu keessa darbuun jalqabuu fi sireen omisha bunaa gogsuuf oolu, iskuweer metirri miiliyoona 15 ol qophaa’ee hojiitti galee jiraachuu himaniiru.

Raawwiin jirus karoora barichaaf qabame milkeessuun akka danda’amu kan agarsiisuu ta’uu Pireezidaanti Shimallis akeekaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.