Fana: At a Speed of Life!

Hanga ammaatti biqiltuu miiliyoonni 234 dhaabame-TKM

Finfinnee, Hagayya 17, 2016 (FBC)-Sadarkaa biyyaalessaatti duula biqiltuu miiliyoona 600 dhaabuu gaggeeffamaa jiruun hanga ammaatti biqiltuun miiliyoonni 234 dhaabamuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.

Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Salaamaawit Kaasaan, duula gaggeeffamaa jiru ilaalchisee ibsa kennaniin, hanga ammaatti biqiltuu miiliyoonni 234 dhaabamuu himan.

Biqiltuun hanga ammatti dhaabamees lafa hektaaraa kuma 93 uwwisuu ibsaniiru.

Duula biqiltuu dhaabuu gaggeeffamaa jiru kanarrattis lammiileen miiliyoonni 11 dammaqinaan hirmaachaa jiraachuu dubbataniiru.

#Oromia #Ethiopia #Ashaaraa_Magariisaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.