Fana: At a Speed of Life!

Hanga ammaatti biqiltuu biiliyoona 4.8 qopheessuun danda’ameera-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Guraandhala 27, 2016 (FBC)- Sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin biqiltuuwwan qopheessuuf sochii hanga ammaatiin buufataalee garaagaraatti biqiltuuwwan biiliyoona 4.8 qopheessuun akka danda’ame Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.

Pireezidaanti Shimallis, mootummaan jijjiiramaa, ijaarsa dinagdee magariisaa dhiibbaa jijjiirama qilleensaa dandamatu, dhimmaa ijoo taasisuun socho’aa jiraachuu fi milkaa’ina isaafis, hojiilee eegumsaa fi kunuunsa qabeenya umamaa irratti bal’dhinaan bobba’uu gama miidiyaa hawaasummaa isaanin himaniiru.

Mootummaan naannoo Oromiyaas, gama tokkoon hojii misooma sululaa, gama biraatiin hojiilee Sagantaa Ashaaraa Magariisaa akka toora xiyyeeffannootti qabatee socho’aa jira jedhan.

Bu’uuruma kanaan, barana sagantaa Tajaajila Lammummaatiin, lafa hektaara miiliyoona 3.3 irratti misooma sululaa (hojii eegumsa biyyee fi bishaanii) raawwachuuf kan karoorfame ta’uu eeruun, hanga ammaatti karoorichi %98 raawwatamuu eeran.

Sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin, biqiltuuwwan gosa adda addaa biiliyoona 5.5 qopheessuuf karoorfamee dammaqiinaan hojjetamaa jiraachuu duabbaraniiru.

Sochii hanga ammaatiin buufataalee garaagaraatti biqiltuuwwan biiliyoona 4.8 (%87) qopheessuun akka danda’ame ibsaniiru.

Yeroo hafanittis, karoora qophii biqiltuu qabame milkeessuu cinaatti, hojiin iddoo dhaabbii biqiltuu GPS’n adda baasuu fi boolla qopheessuu cimee itti fufuu akka qabu hubachiisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.