Fana: At a Speed of Life!

Hambaaleen Ityoophiyaa saamaman 538 ol Ingilizitti argamuu gabaafame

Finfinnee, Guraandhala 28, 2015(FBC)- Hambaaleen aadaa Ityoophiyaa saamaman 538 ol Ingilizitti argamuu gabaafameera.

Hambaaleen kunneen bara faranjootaa 1868 wayita Ingiliz Ityoophiyaa weerarte kan saamaman ta’uu eerameera.

Barreessaa Kitaaba “Za Piriins End Za Pilaandar” kan ta’an Andriiw Heevans hambaaleen Ityoophiyaa 538 ta’an Ityoophiyaarraa akkamitti gara Ingilizitti akka fudhataman kitaaba isaaniin bal’inaan eeruu ibsameera.

Hambaaleen kunneen magaalaa Landanitti kan argaman ta’uu ibsuusaanii maddi odeeffannoo biyyattii Eviniing Istaandard jedhamu gabaaseera.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.