Fana: At a Speed of Life!

Hambaalee Seenaa fi Iddoowwan Hawwata Turiziimii Madda Diinagdee Biyyaa gochuuf Hojjatamaa jira – BATO

Finfinnee, Sadaasa 1, 2015 (FBC) – Hambaalee Seenaa fi Iddoolee Hawwata Turiziimii jiran Kunuunsuun Madda Diinagdee Biyyaa gochuuf Xiyyeeffannoon Hojjatamaa jiraachuuBiiroon Aadaa fi Turizimii Oromiyaa beeksise.

Guyyaan Turiziimii Addunyaa akka addunyaatti yeroo 43ffaaf, akka biyyaatti 35ffaa fi akka Oromiyaatti amoo yeroo 18ffaaf ‘Yaadama Haaraa Guddina Turiziimiif’ mata duree jedhuun Godina Harargee Bahaatti sagantaalee garagaraan kabajameera.

Kabaja Guyyaa Turiziimii Addunyaa kanarratti Hogganaa Biiroo Aadaa fi Turiziimii Naannoo Oromiyaa Obbo Huseen Fayyisoo dabalatee, hoggantoonni naannichaa fi Godinaalee Oromiyaa biroo argamaniiruu.

Waggoota 18 booda deebi’ee kan madde Haroo Haramaayaa irratti Ayyaanni bara kanaa kabajamuun adda isa taasisa jedhan Obbo Huseen Fayyisoon.

Badhaadhina akka biyyaatti yaadame milkeessuuf damee turiziimiif xiyyeeffanoon kennamee hojjatamaa jirachuus Obbo Huseen ibsaniiruu.

Bulchituun Godina Harargee Bahaa Aadde Miskii Mahaammad guyyaan Turiziimii addunyaa bara kanaa iddoowwan hawwata turiziimii godinichi qabu beeksisuun madda diinagdee gochuuf gahee guddaa qaba jedhan.

Akka Godina Harargee Bahaatti Holqoota 290 , akkasumas Haroo Haramaayaa dabalatee Haroowwan 7 misoomsuuf qorannoon adda ba’uu Aadde Miskiin eeraniiru.

Nageessoo Kdiirtu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.