Fana: At a Speed of Life!

Halluu ibsaa akkamiitu hirribaaf filatamaadha- qorannoo

Finfinnee, Muddee 8, 2012 (FBC0 – Akka qorattoonni Yunivarsiitii Maanchsitar jedhanitti ifti cuqulisaa meeshaalee kanneen akka bilbilaa fi kompiitara irraa argannu rakkoo ijoo hirriba keenyaa miti jedhan.

Dhimma kana qorachuuf hantuuta irratti ifa garaagaraa baasan.

Argannoon qorannoo kanaas ibsaan sun hangam ho’aa fi ifaa dha waan jedhu irratti marii taasisaniiru.

Namni hundi marsaa rafuu fi dammaquu uumamaan qaba.

Qaamni nama haala naannoo waliin wal simee waan jiraatuuf guyyaa dammaqaa yoo ta’u halkan immoo miira hirribaatu itti dhagahama.

Qorattoonni yeroo dheeraa dhaaf ibsaan nam-tolchee marsaa uumamaa kana jeequ ni danda’a jechaa turan.

Gareen qorattootaa kun ifa ibsaa guddaa fi xiqqaa irra kaa’uun halluusaa immoo cuquliisaa fi keellootti geeddaraa hantuutatti agarsiisan

Akkuma eegame halluun ifaa tahe hirriba qabsiisurra dammaqsaa taheetu argame.

Yeroo halluun ifa kanaa gara cuqulisaatti geeddaramu miira hirribaa akka fide dubbatu qorattonni kunneen.

Hogganaan qorannichaa Doktar Diim Biraawon argannoo isaanii waan addunyaa uumamaa walii wal-simedha jedhan.

Sabiibnisaa miira hirribaa akka nutti hin dhagahamne kan godhu ibsaa halluu ifaa tahe qabuu fi ho’adha jedhan.

Kanaaf ifti qaama keenyarratti dhiibbaa akka hin qabaanne yoo feene halluu cuquliisaa fi dimismisaatti geeddaruu qabna.

Ifti halluu adii fi keelloo qabu immoo dammaquu fi sa’aa’iinnii akka namattii dhaga’aamuu taasisaa.

Hantuutni halkan halkan dammaqxuu haa taatuyyuu malee dhiibbaa ifti hoosiftoota irratti qabu wal fakkaataadhas jedhaniiru.

Maddi:-BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.