Halkan har’aa dorgommiiwwan Atleetoonni Ityoophiyaa itti hirmaataan 3 ni gaggeefamu
Finfinnee, Adoolessa 14, 2014 (FBC) – Shaampiyoonaa Atleetiksii Addunyaa 18ffaa gaggeeffamaa jiruun halkan har’aa dorgommiiwwan Atleetoonni Ityoophiyaa itti hirmaataan 3 ni gaggeefamu jedhame.
Barii sa’aatii 10:10 fiigicha gulaallii meetira kuma 5 dhiiroota gidduutti fiiggamuun Atleetoonni Ityoophiyaa ni eegamu.
Atleet Yoomiif Qajeelchaa, Salamoon Baraggaa,Muktaar Idiriisii fi Xilahuun Hayileen Ityoophiyaa bakka bu’uun ni eegamu.
Fiigichi gulaallii meetira 800 dubartoota gidduutti halkan sa’aatii 9:10 irratti gaggeeffamuunis Alteet Dirribee Waltajjii,Haabtaam Alamuu fi Fireeweeyinii Hayiluun morkii cimaa ni taasiisuun eegamu.
Dorgommii gulaallii xumuraa meetira 800 dhiiroota gidduutti halkan sa’aatii 11:00 irratti dorgamamuun Atleet Tolasaa Boodanaa xumuraaf ni darbaan eegama.
Ityoophiyaan Shaampiyoonaa Atleetiksii Addunyaa 18ffaa Ameerikaa Ooriiganitti gaggeeffamaa jiruun hanga ammaatti Meedaaliyaa Warqee 3, Meetii 4 fi Naahaasii 1 waliigala meedaaliyaa 8 walitti qabachuun addunyaarraa sadarkaa 2ffaa irratti argamti.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.