Fana: At a Speed of Life!

Haleellaawwan Israa’eeliif gareen hidhattootaa deebii kennaa jiraachuun gabaafame

Finfinnee, Fulbaana 14, 2017 (FBC)- Israa’eel bakkeewwan qiyyaafannaa Hiizoolaa irratti haleellaa bal’aa yoo geessistu gareen hidhattootaas bulchiinsa Israa’eel keessatti haleellaa rookeetii raawwachuun deebii kennaa jiraachuun gabaafameera.

Waraanni Israa’eel akka beeksisetti, haleellaa qilleensarraan naannawaa Kibba Liibaanoositti raawwateen bakkeewwan qiyyaafannaa Hiizboollaa barbadeesseera.

Haleellaa qilleensarraa Israa’eliin namoonni 558 wayita lubbuun darban namoonni kuma 10 ol ammoo naannawicha gadi lakkisuun ba’uu aanga’oonni Liibaanoos beeksisaniiru.

Hizboollaan gama isaan, bakkeewwan loltummaa Israa’eel irratti haleellaa rookeetii raawwateen handhuura Israa’eel irraa kiiloo meetira 60 fagaatee kan argamu warshaan dhukaatuu manca’uun ibsameera.

Dabalataan Buufanni Xiyyaara Magiisdoo Israa’eel gama Kaabaatti argamu rukutamuun eerameera.

Israa’eel waraana Gaazaa booda Hizboollaarratti qiyyaffachuun kan eerame yoo ta’u, Hizboollaan deeggarsa Hamaasiif taasisu itti fufsiisuuf rookeetiiwwan gara Israa’elitti dhukaasaa jiraachuun gabaafameera.

Naannawaa giddugaleessa Bahaattii waraanaa hammaataa dhufe hordofee balaliiwwan xiyyaaraa gara Beerutitti taasifaman dhaabbachaa jiraachuu ibsamuu ‘Arab News’ gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.