Fana: At a Speed of Life!

Haleellaan tasaa gareen Shanee fi adda bilisa baasaa Gaambeellaa jechuun of waamu magaalaa Gaambeellaatti banan fashalaa’e – Obbo Umood Ujuluu

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2014 (FBC) – Haleellaan tasaa gareen Shanee fi Adda Bilisa Baasaa Gaambeellaa jechuun of waamu magaalaa Gaambeellaatti banan tarkaanfii qindoomaa humnoonni nageenya fudhataniin fashalaa’uu Preezidaantiin naannichaa Obbo Umood Ujuluun ibsan.
Obbo Umood dhimmicha ilaalchisee ibsa laataniin, hidhattoonni kunneen magaalaa Gaambeellaa loo’anii seenuun yaaliin nageenya ummataa booreessuu fi saamuuf taasiisan tattaaffii qindoomaa qaamolee nageenyaa naannolee fi federaalaan fashalaa’uu himaniiru.
Tarkaanfii fudhatameen hidhattoonni hedduun ajjeefamuu eeraniiru.
Yeroo ammaa magaalaan Gaambellaa tasgabbii fi nageenya gaarirratti kan argamtu ta’uu himaniiru.
Haleellicha fashaleessuuf gumacha jiraattoonni magaalichaa qaamolee nageenyaa waliin taasiisaniif galateefataniiru.
Magaalicha keessa yeroo ammaa qaamolee nageenyaa mootummaan ala galgala sa’aatii 2:00 booda socho’uun kan hin danda’amne ta’uu eeraniiru.
Maddi:-TOI
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.