Haleellaan saayibarii olaanaan sirna filannoo Raashiyaa mudachuun gabaafame
Finfinnee, Bitootessa 8, 2016 (FBC)- Filannoo Pireezidaantummaa Raashiyaa gaggeeffamaa jiruun haleellaan saayibarii olaanaan sirna filannoo elektirooniksii mudachuun gabaafame.
Abbaan Taayitaa Filannoo Raashiyaa akka beeksisetti haleellaan saayibarii kuma 160 mudachuurraan sirni filannoo elektirooniksii uggurameera.
Haleellaan saayibarii kunis sarara filannoorraatti kan qiyyaafate ta’uu, haleellaan kumni 30 ammoo sakattaa’aa sararaa taasifamurratti kan labsame ta’uu Itti Gaafatamaan Koomishinii Filannoo Raashiyaa Ellaa Pamfilovaa ibsan.
Ellaa Paanfilovaa akka hubachiisanitti sochiin haleellaa saayibarii kun Jimaata dheengaddaa fi Sanbataa kaleessaa daran dabaluun rakkoo uumee xumurameera.
Taajjabdoonni filannichaa haleellaa saayibarii sirna odeeffannoo naannawaa Mooskoorratti xiyyeeffateef kan komatan Ameerikaa fi Ingiliz ta’uu CGTN gabaaseera.
Dubbii Himaan Mana Maree Nageenya Biyyaalessaa Waayit Haawus torban darbe akka beeksisanii turanitti Ameerikaan Filannoo Raashiyaa gidduu akka hinseenneedha.
Filannoon Pireezidaantummaa Raashiyaa guyyootaa sadiif gaggeeffamaa turuun ni yaadatama.
Filannicharratti sirni filannoo elektirooniksii hojiirraa oolfamuun eerameera.
#Oromia #Ethiopia