Fana: At a Speed of Life!

Haleellaan Saayibarii Hidha Haaromsaa Guddichaa fi dhaabbilee faayinaansii irratti aggaamame fashalaa’e – BTNO

Finfinnee, Eebila 25, 2014 (FBC) – Haleellaan Saayibarii Hidha Haaromsaa Guddicha Ityoophiyaa fi dhaabbilee faayinaansii irratti aggaamame fashalaa’uu Bulchiinsi Tajaajila Nageenyaa Odeeffannoo beeksise.
Humnoonni keessaa fi alaa waan gaarii arguu hin feene deeggaran Hidha Haaromsaa Guddicha Ityoophiyaa irraatti bifa qindaa’een waraana saayibarii bananii turuu Daayreektarri Olaanaan Bulchiinsa Tajaajila Nageenya Odeeffannoo Dooktar Shumatee Gizawu ibsaniiru.
Haleellawwan kunniin miidhaa osoo hin qaqqabsisiin qolachuun danda’ameera jedhan.
Haaluma walfakkatun dhaabbilee faayinaansii gurguddoo Ityoophiyaa irratti haleellaan saayibarii aggaamame deeggarsa ogeeyyiin fashalaa’uu eeraniiru.
Dhaabbanni biyyoota nagaa fi guddina Ityoophiyaa hin barbaadne deeggaramu ijaarsaa hidha haaromsaa gufachiisuuf “Bilaak Piraamiid” jedhame waamamuun waraana saayibarii banuu isaanii himaniiru.
Keessattuu dhaabbilee faayinaansii itti fayyadamanii fi Kompiyuutaroota kuma 37 waliin walitti hidhaman irratti haleellaa saayibarii raawwachuun hidha haaromsaa gufachiisuuf yaaluu isaanii dubbataniiru.
Haleellawwan kanneen hordoffii cimaa Bulchiinsi Tajaajila Nageenya Odeeffannoo taasiseen miidhaan tokkooyyuu osoo hin qaqqabin qolachuun danda’amuu himuu isaanii DHPI gabaaseera.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.