Fana: At a Speed of Life!

Haleellaan Raayyaa Ittisa Biyyaarratti raawwatame gochaa ummanni Ityoophiyaa obsaan darbuu hin dandeenyedha – MBBU

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2013 (FBC) – Haleellaan Raayyaa Ittisa Biyyaarratti raawwatame gochaa ummanni Ityoophiyaa obsaan bira darbuu hin dandeenye ta’uu Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRI ibse.
 
Raayyaa Ittisa Biyyaa birmadummaa biyyaa kabachiisuu bira darbee iddoo barbaaddamu hundaatti gaachana ummataa ta’e irratti haleellaa raawwatame Ummanni Ityoophiyaa obsaan bira darbuu kan hindaneenye ta’uu Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRI ibsa haala yeroo ilaalchisuun baaseen eereera.
 
Yaa ta’uutii yeroon kun yeroo ummaanni Ityoophiyaa Raayyaa Ittisa Biyyaa cinaa dhaabbachuun birmadummaa fi tokkummaa biyyaa tiksuuf boqonnaan murteessaa ta’uu ibsa isaan himeera.
 
Ummanni Ityoophiyaa hundi irree tokkoon Raayyaa Ittisa Biyyaa cinaa dhaabbachuun biyyaaf waardichaa akka ta’u manni marichaa waamicha dabarseera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.