Fana: At a Speed of Life!

Haleellaan buufata Niwukilaararratti raawwatamu kamiiyyuu gochaa of balleessuti – Antooniyoo Guutareez

Finfinnee, Hagayya 2, 2014 (FBC) – Waldhabdeen sodaa Niwukilaaraa waggoottan dheeraa booda deebi’uu Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez ibsan.
Biyyoonni addunyaa Niwukalara hidhatan meeshicha filannoo meeshaa waraanaa duraa taasiisuu akka hin qabne gaafataniiru.
Buufata Niwukilaaraa ‘Zaapooriizizyiyaatti’ iddoo jedhamutti haleellaan waraanaa raawwatamu Antooniyoo Guutareez ibsaniiru.
Antooniyoo Guutareez ibsa Jaappaan Tookiyoo laataniin, haleelaan buufataalee Niwukilaararratti raawwatamu kamiiyyuu gochaa of balleessuu ta’uu ibsaniiru.
Himata Mooskoon humnoonni Yuukreen buufata Niwukilaaraa kibba biyyattii naannoo ‘Zaapooroozhiitti’ argamurratti Jimaata darbe haleellaa raawwatan jechuun dhiyeessite hordofee, Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez balaan Buufata Niwukilaaraa guddicha Awurooppaarra ga’uu danda’u isaan yaaddeessuu ibsaniiru.
Yuukreen gama isheen Raashiyaan dhaabbaticha akka dahannaa loltootaatti fayyadamaa jiraachuu ibsiteerti.
Antooniyoo Guutareez ibsa walaba ta’ee Tookiyoo laataniin, haleellaan buufataalee Niwukilaararratti raawwatamu kamiiyyuu gochaa of balleessuu ta’uu eeraniiru.
Ejansiin Inarjii Atoomiikii Idil addunyaa gama isaaniin, haleellaan madda Niwukilaaraa ‘Zaapooroozhiirratti’ raawwatame daraan isa yaaddeessuu ibseera.
Haleellaan waraanaa Dhaabbata Niwukilaarratti raawwatamu kamiiyyuu ibiddaan taphachuu fi badii hamaa kan hordofsiisu ta’uu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Daayrektarri Olaanaan eeggumsa Niwukilaaraa Raafaa’eel Giroosiin akeekkachiisuu CGTN fi RT gabaasaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.