Fana: At a Speed of Life!

Haleellaa lammiilee nagaarratti raawwatame kan balaalleeffatan ta’uu aadde Adaanachi ibsan

Finfinnee, Onkololeesa 23, 2013 (FBC) -Naannoo Oromiyaa godina wallagga lixaa aanaa Gullisootti lammiilee nagaarratti haleellaa gara jabinaa raawwatame baleeffachuu isaanii itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee ibsan.
 
Aadde Adaanach lammiilee gocha gara jabeenyaa farreen nageenyaa raawwataniin lubbuu isaanii dhabaniif gadda cimaa nutti dhaga’ame ibsachuun kadhannaa sammuu daqiiqaa tokkoof taasisnee gocha kana balaaleffannee jirra jedhan Fuula Feesbuukii isaaniin.
 
Yakkamtoonni gochaa badaa kana raawwatan hatattamaan to’annoo jala oolanii seeratti akka dhiyaatan gaafachaa, fuulduratti nageenya biyya keenyaa fi Ummata keenyaa eegsisuuf kutannoodhaan jabaannee qabsoofna jedhaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.