Fana: At a Speed of Life!

Haleellaa Kibba Buruundiitti raawwatameen lubbuun namoota 15 darbe

Finfinnee, Hagayya 19, 2012 (FBC) – Haleellaa Kibba Buruundiitti raawwatameen lubbuun namoota 15 darbe.

Haleellaa i Kibbaa Buruundii Kutaa Bulchiinsa Romooniingitti gaggeeffame kanaan namoonni naannichaa jiraatan mana jireenya dhiisaani bosonaatti baqataniiru.

Gareen kun biyya ollaa Rippaabiliikaa Demookiraatawa Koongoo hundee taasifachuun haleellaa raawwatameef itti gafaatamummaa fudhachuu isaa midiiya hawaasa irraatti ifoomseera.

Gareen kun namaa argatan kamuu ugguruun namoota looltu deeggaran immoo ajjeessuu isaanii namoonni naannichaa turan ijaan argan dubbataniiru.

Hooggannan Olaanaan Biyyaatti tokko akka jedhanitti haleellaan kun kan gaggeeffame wayita filannoo naannoo taasisuuf qophiin taasiifamaa jirutti ta’uun miidhaa hin eegamne ta’uu ibsaniiru.

Haleellaan kun bara Faranjoota 2017 hokkoora Buruundiitti muudaten baqattoota gara Ruwaandaatti baqatanii turan gara biyyaa isaanititi deebii’un walqabachuu hin ooluus jedhameera.

Maddi:- BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.