Fana: At a Speed of Life!

Haleellaa hawaasa Musiliimaa Goondar irratti raawwatameef tarkaanfiin seeraa fudhataamu qaba jedhame

Finfinnee, Eebila 20, 2014 (FBC) – Hoggantoonni Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa naannolee 11 haleellaa hawaasa Musiliimaa magaalaa Goondar irratti raawwatameef mootummaan tarkaanfii seeraa akka fudhatu gaafatan.
Hoggantoonni Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa naannolee 11 irraa walitti babba’an dhimmicha ilaalchisee ibsa laataniiru.
Preezdaantiin Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa naannoo Oromiyaa Sheek Hajii Ibraahiim hawaasa Musiliimaa Naannoo Amaaraa magaalaa Goondaritti haleellaa raawwateen lubbuun isaanii darbeef gaddi itti dhaga’amuu ibsaniiru.
Mootummaan hatattamaan tarkaanfii seeraa akka fudhatu gaafataniiru.
Preezdaantiin Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa naannoo Hararii Sheek Toofik Abdallaas gama isaaniin, mootummaan qaamolee gochaa suukaneessaa kana raawwatan seeratti dhiyeessuu akka qabu gaafataniiru.
Mootummaan hojii olaantummaa seeraa fudhataa jiru yeroo yeroon hawaasaaf beeksisuu akka qabus hubachiisaniiru.
Hawaasni Musiliimaa waggaa hedduuf hordoftoota amantaa biroo waliin jaalalaa fi tokkumman jiraachaa turuu hoggantoonni ibsicharratti hirmaatan himaniiru.
Lalisee Tasfaayeetu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.