Fana: At a Speed of Life!

Haleellaa Gullisootti raawwatameen lubbuu namoota 32tu darbe

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2013 (FBC) – Lammiileen Wallagga Lixaatti haleellaa diinaatiin lubbuun isaanii darbe 32 ta’uun himame.

Godina wallagga Lixaa Aanaa Gullisoo Ganda Gawwaa Qaanqaatti hajjeechaa sukkanneessaan lamiilee 32 irra gahuu isaa Komishinarri Jeneraalaa Komishinii Poolisii Oromiyaa Ararsaa Mardaasaa Ibsa miidiyaaf kennaniin beeksisanii jiru.

Haleellaa diinaa kanaan Dhirri 23 fi Dubartiin 9 batalumatti lubbuun isaanii yeroo darbu namoonni 10 ammoo mada’anii wal’aassi taasifamaafii jira. Rakkoo kanaan walqabatee Abbootiin warraa 200 ta’an qe’ee fi qabeenya isaaniirra buqqa’uuf saxilamanis hojiin deebisanii dhaabuu hojjetamaa jiraachuus Komishinarri Jeneraalaa Ararsaa Mardaasaa himanii jiru.

Gocha gara jabinaa kana kan raawwate ABO shanee yammuu ta’uu harka wayyaa jalaatiin kan hojjechaa jiru meeshaa waranaa kan akka Bireenii kan hiidhachiisaa jiru wayyanee ta’uunis bira gahamee jira.

Warra balaa kana geessisan keessaa muraasni kan qabamanii fi kanneen hafanis yeroo gabaabaa keessatti to’annoo seeraa jala kan oolan ta’uu Komishinarri Jeneraalaa Komishinii Poolisii Oromiyaa Ararsaa Mardaasaa beeksisanii jiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.