Fana: At a Speed of Life!

Haleellaa boombii  Soomaaliyaatti qaqqabeen lubbuun namoota 30 darbe

Finfinnee, Muddee 18, 2012 (FBC) – Magaalaa Soomaaliyaa Mooqqaadishootti haleellaa boombii qaqqabeen lubbuun namoota 30 darbuun dhaga’ame.

Qondaalli Poolisii naannichaa Ibraahiim Mohaammad dhoo’iinsi  kun magaalaa Mooqqaadiishoo buufata Sakatta’insaatti mudate jedhan.

kanneen lubbuun darbeen alatti namoonni miidhaan qaamaa cimaa irra qaqqabee  100 hospitaala naannichaatti yaalamaa jiraachuu dubbataniiru.

Hanga ammaatti haleellaa qaqqabeef qaamni itti gaafatamummaa fudhate yoo jirachuu baatees haleellaa kana Shororkeessitoonni qaqqabsiisuu hin ooluu jedhameera.

Maddi:- BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.