Fana: At a Speed of Life!

Haleellaa baadiyyaa Kaameeroon keessatti raawwateen namoonni 22 lubbuun darban

Finfinnee, Gurraandhala 9, 2012 (FBC) – Haleellaa baadiyyaa Kaameeroon keessatti raawwateen namoonni 22 lubbuun darban.

Kaaba Lixa Kaameeroonitti namoonni 22 ajjeefamanuusaanii dhaabbanni mootummota gamtoomanii gabaaseera.

Namoota iddoo Ntuumboo jedhamtu keessatti ajjeefaman keessaa walakkaan isaanii daa’imman yoo ta’an miidhamtoonni hedduun immoo osoo lubbuun jiranii awwaalamuusaanii miidiyaan biyya keessaa gabaaseera.

Taatee gaafa Jimaataa uumame kanaaf qaamni itti gaafatamummaa fudhate jiraatuu baatus paartiin mormituu garuu waraanaa biyyatti qeeqeera.

Gareelee biyyattii gargar fottoqsuuf lolaa jiran waliin waggoota sadii oliif lolatti kan jiru mootummaan Kaameeroon hamma ammaatti haleellaa raawwaterratti yaadaa hin kenninne.

Hojjataa dhaabbata mootummoota gamtoomanii  kan ta’e Jemis Nunaan BBC’tti akka himetti namoota ajjeefaman keessaa dubartiin ulfaa ni jirti jedheera.

Daa’imman 14 ajjeefaman keessaa saglan isaanii daa’imman waggaa 5 gadiitti jedheera.

Obbo Nunaan akka jedhetti taatee kun jiraattoota naannichaatiif hamaa ture jedheera.

Agboora Mbaallaa namni sochii siyaasaa keessatti beekamtii qabus haleellaa kanaaf “waraana biyyattiitu itti gaafatamumummaa qaba,” jedha.

Eega mormiirratti humnoonni nageenyaa haleellaa raawwachuu jalqaban booda bara Franjoota 2017 gareeleen addatti hidhatan baay’achaa dhufaniiru.

 

Gareen hidhatan kunneenis biyya haaraa kan Ambaazooniyaa jedhanii waamaniif walabummaa labsaniiru. Preezdaantiin Kaameeroon Paawul Biyya garuu garee kanneen “shorarkeesitootaa” jechuun murteesaniiru.

Eega waldhabdeen kun jalqabee as namoonni 3,000 ol ta’an yoo du’an namoonni 70,000 ol ta’an immoo qe’eesaaniirraa buqqa’aniiru.

Maddi:- BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.