Fana: At a Speed of Life!

Haguuggiin fuulaa fi qorichoonni seeraan alaa Birrii miiliyoona 2.4tti tilmaamamu to’ataman

Finfinnee, Eebila 24, 2012 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti haguuggiin fuulaa fi qorichoonni seeraan alaa Birrii miiliyoona 2.4tti tilmaamamu to’atamu ibsame.
 
Haguuggiin fuulaa fi qorichoonni si’eessituu saalqunnamtii seeraan alaa Birrii miiliyoona 2.4tti tilmaamamu walta’iinsa Komishinii Poolisii magaalaa Finfinnee fi Abbaa Taayitaa To’annoo Nyaataa fi Qorichaa Ityoophiyaan to’atamu himameera.
 
Maagaalaa Finfiinnee naannoo Masqal Filaawooritti haguuggiin fuulaa kumni 15 fi safartuun hoo’ina qaamaa (Teermoomeetirri) 5, akkasumas naannoo Piyaassatti ammoo haguuggiin sarjikaalaa kumni 1 seeraan ala gurguramuuf yeroo jedhu to’atameera.
Dabalataan qorichoonni si’eessituu saalqunnamtii (Vimax herbal supplement) seeraan alaa sadarkaa isaa hin eegganne to’atamuu ibsameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.