Haati irree jajjabeewwanii Ityoophiyaan hafuura ijoolleesheetiin alaabaan ishee irra deebiin ol jedhe ni mirmirsama-MM Abiy
Finfinnee, Muddee 30, 2014 (FBC)- Muummeen Ministira FDRI Abiy Ahimad maqaan Ityoophiyaa jedhu baroota dheeraaf walabummaa, injifatummaa fi birmadummaa ofi eeguun wal qabata jechuun ibsaniiru.
Ityoophiyaan Falaasamoota Girikii hanga Roomaa akkasumas baroota dheeraaf walabbuummaan,injifattuummaa fi hin xuqamuun ishee dubbatamaa turee ammallee itti fufee ni dubbatama jedhaniiru.
Maqaa guddaan kana fakkatus akkasumaan kan argamuu miti, kun maaliif ta’ee jennee gaafachuu qabna.akkasumaan kan argamuu osoo ta’eetii, biyyoonni addunyaa hedduun isaanii maallaqaa fi warqeen ni bitatuu turan jedhaniiru.
Garuu hin danda’amnee.maqaan ulfina akka kana qabu aarsaa guddaa kaffaluunii jedhaniiru.
Ityoophiyaanoonni ammoo adda addummaa tokko malee, biyyaa isaanii aarsaa kaffaluuf kan yeroo kamiiyyuu caalaa qophiidha.baroonni kuumaatatti lakka’aaman darbaniis Ijoolleen Ityoophiyaa biyyaattif aarsaa hin kaffallee hin jiran. akkasumas Ityoophiyaaf aarsaa kaffaluuf boodatti hin deebi’an jedhaniiru.
Biyyaa biraarraa dhufuun ijoollee Ityoophiyaa kan ta’aan michuuwwan hedduun seenaa keessaatti muula’ataniiru.
Aarsaa kaffaluunis jabina ishee dhaalaniiru, Ityoophiyaa keessaatti dhalatanii ijoollee Ityoophiyaa kan hin taanees jiru.Ityoophiyaaf aarsaa kaffaluu dhabuuf kabajashee gurguruun baandummaaf kan itti fayyadamaniis muraasni ni jiru.
Ityoophiyaa seenaa ishee keessaatti gantoonni muudataniiru.
Gantummaa akka kana garuu dhaga’amee hin beekuu jedhaniiru.
Halkan Onkololeessaa 23 gooticha raayyaa ittisa biyyaa ajaja kaabaarratti gantummaan muudatee injifattuumma ijjoolee Ityoophiyaatin fashalaa’eera.
Ityoophiyaan ijjoollee isheetin boontee, Ityoophiyaa maal jechuu akka ta’ee ammoo diinoota isheef agarsiisteetti jedhan.
Hoggantoota waraanaa garee shororkeessaa ABUT barbadeessuu fi adda waraanaatti bobba’uun shooraa isaanii ba’aataa turaniif badhaasni laatamaaf jedhaniiru.
Sadarkaa guddinaa isiiniif laatamee fi meedaliyaan badhaafamtaan sadarkaa jalqabaatin hojii cimaan adda waraanaatti raawwatan yaada keessa galchuuni jedhaniiru.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna