Haaromsi masaraa biyyaalessaa tarkaanfii hambaalee seenaa fi aadaa kunuunsuun tursiisuu isa olaanaadha – Waajjira Ministira Muummee
Finfinnee, Mudde 20, 2017 (FMC) – Haaromsi Masaraa Biyyaalessaa hambaalee seenaa fi aadaa kunuunsuun tursiisuuf carraaqqii taasifamu keessatti tarkaanfii guddaa ta’uu Waajjirri Ministira Muummee beeksise.
Hojiin haaromsaa Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin jalqabame kan amma Paarkii Tokkummaa ta’e irraa eegaluun, Masaraa Biyyaalessaa iddoo barnootaa fi tajaajila guddaaf akka qophaa’u gochuun itti fufu ibseera.
Masaraan mootummaa yeroo ammaa cichoomina Ummtaa, dandeettii ogummaa fi mul’ata olaanaa qabachuun imala biyyaalessaaf wabii ta’ee mul’ata.
Miidhaginaa fi guddummaa isaa duraa deebisuurra darbee seenaa keenya ni kabajna.
Dhaloota dhufuuf fakkeenya boonsaa fi kaka’umsa waaraa ta’eera.
#Oromiyaa #Ethiopia