Haaromee: Motora Cehumsa Baadiyyaa Oromiyaa
Haala baramaa baadiyyaa keenyaa jijjiiruuf sababoota dirqisiisoo hedduutu jiru.
Dhiibbaalee adda addaatiin, baadiyyaaleen Oromiyaa gama hedduun magaalotarratti hirkachuuf saaxilamaniiru.
Jiruufi jireenyi bu’uuraa magaalaa, baroota hedduuf baadiyyaa adiyyoomsuu irratti hundaa’ee ture har’as guutummaatti hinjijjiiramne.
Hariiron tokko qorqee tokko ‘sooru’ kun, gara walitti dhufeenya gar-lameenuu fayyadamoo taasisutti cehuu qaba.
Ummanni keenya %78 jiraataa baadiyyaati; godaansi baadiyyaarra gara magaalatti taasifamu itti fufus, lakkoofsi ummata baadiyaa ammas dabalaa jira.
Kunis gama tokkoon lafti baadiyyaa dhiphachaa, oomishtummaan isaa gadi bu’aafi mancaatiin qabeenya umamaa dabalaa akka dhufu taasisus xiyyeeffannoo barbaachisu hinarganne.
Gama birootin, magaalonni keenya, godaantota baadiyyaa ogummaa carraa hojii magaalaatti argamu madaalu hinqabneen akka guutaman dirqisiisee jira.
Hanqinni bu’uuraalee misoomaa, dhiyeessii tajaajila hawaas-dinagdee adda addaa akkasumas sochiin dinagdee daangeffamaa, jiraattota baadiyyaa godaansa, hojii hiikuu, tajaajiloota hawaas-dingdeen ala ta’uu, jedhees hiyyummaafi boodatti hafummaaf saaxileera.
Kun akkuma jirutti ta’ee, fedhiin bu’uuraalee misoomaa, tajaajila hawaas-dinagdee jiraattota baadiyyaa ariitiin dabaluu irratti argama.
Gama birootin, qubsumni jiraattota baadiyyaa irra caalaan faffaca`aa ta’uun isaa, dhiyeessiifi dhaqqabummaa tajaajila hawaas-dinagdee baadiyyaa daran rakkisaa taasiseera.
Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa, rakkoolee hammaachaa dhufan kanniin hiikuu qofa osoo hintaane, baadiyyaa gara carraa motora cehumsa caasaa hawaas-dinagdee qabatamaatti ceesisuun akka danda’amu, kuni ta’uu dhabnaan, madda gaaga’amiinsa siyaas-dinagdee akkasumas hawaasummaatti kan ce’u ta’uu hubachuun sochiitti galeera.
Oomishtummaa lafaa dabaluu (dhiyeessii galtee qonnaa, tajaajila ogummaafi eegumsa naannawaa), ogummaa dagaagsuu (qonnaan bulaa hojii qonnaa aadaa irraa dhaale cinaatti ogummaa adda addaa horachiisuu), akkasumas qubsuma ummata baadiyyaa dhiyeessifi qaqqabummaa tajaajiloota hawaas-dinagdee mootummaan guutuu edu danquuf fala kaa’uf imaammata, tarsiimoo, karoorafi sagantaa cehumsa baadiyyaa qopheessee raawwitti galaa jira.
Haaluma kanaan, lafa teessuma mootummaa gandaa/araddaa, Adoolessa bara 2016 hojiitti galeefi argama Giddugala Guddina Baadiyyaa (GGB) cehumsi hawaas-dingdee baadiyyaa itti addeemsifamu ta’eefi moggaasa maqaa HAAROMEE jedhuu kennameef gandoota naannichaa hunda keessatti kan hundeeffaman ta’a.
Sagantaan kun toora qabiyyee sadi irratti hundaa’e:
Bu’uuraalee Misoomaa: gama kanaan, misooma bu’uuraalee misoomaa akka daandii, dhiyeessii bishaan qulqulluu, anniisaa/ibsaa, neetwoorkii qunnamtiifi wiirtuu leenjii ogummaatif duursa kennu.
Dandii yoofudhanne, baadiyyaafi magaalaa, baadiyyaafi gabaa gurguddaa, lafa omishaafi GGB (dhaabbileen tajaajila itti mandheeffatan) walqunnamsiisun guddina dinagdee kan si’eessu ta’a.
Bu’uuruma kanaan, akkaata barbaachisummaafi fedhii iddoodha iddootti jiruun, aburraan pilaanii daandii baldhina meetira 30, 20’fi 15 qabu hojjatamee qophii ta’eera.
Tajaajila Hawaasummaa
Tokkoon tokkoon Haaromee, GGB tajaajila bulchiinsaa (waajjiraalee sektarootaa, iddoo turtii abbootii dhimmaa, kaafteeriyaa, galmoota ummanni dhimma itti bahu, lafa dhaabbii konkolaataa), tajaajila hawaasummaa (manneen barnootaa, keellaa fayyaa, mana fincaanii), lafa mana jireenyaa (abbaa m2 500 – “biogas” fi manduubee qabufi abbaa m2 200), wiirtuu geejjibaa, akkasumas lafa banaafi iddoo magariisaa haara-galfii kan hammate ta’uun isaa jiraattota baadiyyaatif tajaajila sadarkaa magaalatti kennamu qe’eetti dhiyeessuun naannawa guutummaa qabu kan umufidha.
Wiirtuwwan Dinagdee
Wiirtuwwan dinagdee Haaromee, gola xixiqqoo tarsiima’aa sochii hawaas-dinagdee baadiyyaa kakaasuf tajaajilanidha.
Tajaajiloonni dinagdee kanneen akka giddugala dabarsa beekumsa qonna ammayyaafi dagaagina ogummaa (itti fayyadamaafi suphaa maashinoota qonnaa, ijaarsa manneen GGB, kurfeessa omishaalee qonnaafi kkf), golee industirii maanifaakchariingii xixiqqaa, agarsiisa qonna hammayyaa (hoorsiisa beeyladaa, lukkuu), lafa gabaa banaafi daldalaa (dhiyeessii boba’aafi galtee ijaarsaa dabalatee) fi dhaabbilee tajaajila faayinaansii (liqiifi qusannaa) kennan wiirtuu kanatti dhiyaatu.
Mootummaan haala adeemsi kun umutti gargaaramuun, carraa hojii baldhisuufi invastimantii qonnaan bulaa jajjabeesu, hundaa’ol, qonnaan bulaan beekumsa qonnaa aadaa irraa dhaale cinaatti, ogummaa dabalataa akka horatu dandeessisuu irratti kan hojjatu ta’a. Kanaanis si’attummaafi damdaneessummaa dinagdee baadiyyaa akkasumas godaansa gara magaalatti taasifamu daran hirdhisuu kan mirkaneessu ta’a.
Inisheetiviin Haaromee, aadaa, duudhaa, diraa hawaasummaafi akeeka egeree ummata Oromoo irraa ka’a.
Milkaa’ina karoorichaatif kalaqa, ogummaafi ammayyummaa qonnaa babaldhisuu, bu’uuraalee misoomaa diriirsufi tajaajila hawaas-dinagdee (bulchiinsa gandaa/araddaatin) giddugala tokkotti dhiyeessu akka tooftatti fayyadama.
Gara birootin, hirmaannaa hawaasni araddaa/gandaa adeemsa murtee sagantaa kanaa keessatti taasisu baldhisuufi buleessummaa (itti fufiinsa) hawaas-dinagdeefi naannaawaatif duursa olaanaa kenna.
Sagantaan haala qabatamaa keenyafi muuxannoowwan gaggaarii idil-addunyaa irraa ka’uun qophaa’e kun, deemee deemee qaawwa misooma baadiyyaafi magaalaa gidduu jiru cufuu, baadiyyaafi magaalaa waldeeggarsaan misoomsufi jiruufi jireenya ummataa ammayyoomsuun cehumsa hawaas-dinagdee baadiyyaa jedhees magaalaa milkeessuu akka galmaatti kan kaawwate.
Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa