Fana: At a Speed of Life!

Haan Kaang Badhaasa Noobeelii damee Ogbarruu badhaafamte

Finfinnee, Fulbaana 30, 2017 (FBC) – Lammiin Kooriyaa Kibbaa Haan Kaang Badhaasa Noobeelii damee Ogbarruu bara 2024 badhaafamte.

Ga’eettiin umrii waggaa 53 barreessituun Asoosamaa Haan Kaang Asoosama ‘The Vegeterian’ jedhamuun bara Faranjootaa 2016 Badhaasaa Hogbarruu Idil addunyaa moo’attee turte.

Badhaasni Noobeelii Damee Hogbarruu Bara Faranjootaa 1901 kan eegale yoo ta’u, hanga ammaatti Haan Kaang dabalatee dubartoota 18 badhaaseera.

Haan Haangiif Badhaasni Paawundii kuma 810 kan kennamuuf ta’uu ibsameera.

Haan Kaang lammii Kooriyaa Kibbaa Badhaasa Noobeelii argatte jalqabaa ta’uu koreen badhaasa Noobeelii ibsuu BBCn gabaasera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.