Fana: At a Speed of Life!

Haalli sakatta’iinsaa fi kanneen balleessan to’achuun cimee kan itti fufu ta’uun ibsame

Finfinnee, Bitootessa 19, 2015 (FBC)- Haalli sakatta’iinsaa fi kanneen balleessan to’achuun cimee kan itti fufu ta’uu Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad ibsan.

Finfinneetti, humnoota jeequmsa uumaan, yaalii aangoo humnaan qabachuu taasisan odeeffannoo qindaa’aa fi qabatamaan to’achuuf, hojiilee hojjetamaniin bu’aan galmaa’uu Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad Mana Maree bakka Bu’ootaa Ummataaf ibsaniiru.

Mootummaan nageenya kabachiisuu qaba jechaa, guutummaatti akka waan hinhojjenneetti fudhatamuun sirrii akka hintaane ibsaniiru.

Qaamoleen namootaaf durgoo kaffalanii Finfinnee galchan, meeshaalee waraanaa daddabarsan akka jiran eeranii, nageenya ummataa fi Magaalaa Finfinnee mirkaneessuun hojjetamuu himaniiru.

Hojiilee hojjetamaaniin lubbuun lammiilee hedduu gaaga’amuuf ture baraaruun akka danda’ame kaasaniiru.

Ammallee qaamolee jeequmsa uuman to’achuun kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

Lammiileen Ityoophiyaa walabummaan bakkaa bakkatti socho’uuf mirga akka qaban himanii, mirga lammiilee kana kabachiisuuf hojjechuu akka barbaachisu dubbataniiru.

Godaansi gara Finfinneetti taasifamu waggootaa 6’n darbaniin dura kan turerra caalmaa akka qabuu fi kanneen pilaastikaa keessa da’eeffatanii magaalattii keessa jiraan %96 bakka biraarraa kan dhufan ta’uu himaniiru.

Jiraattonni Magaalaa Finfinnee qaamolee nageenyaa waliin qindoominaan hojjechuu akka qaban gaafataniiru.

Haalli sakatta’iinsaa fi kanneen balleessan to’achuun cimee kan itti fufuu ta’uu dubbataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.