Fana: At a Speed of Life!

Haalli rakkoon nageenyaa Kaaba Ityoophiyaa itti furame biyyoota biroof fakkeenya ta’uu qaba – Maayik Hamar

Finfinnee, Eebla 16, 2015 (FBC) – Haalli rakkoon nageenyaa Kaaba Ityoophiyaa itti furame biyyoota biroof fakkeenya ta’uu akka qabu Afrikaa Bahaatti Ergamaan Addaa Ameerikaa Maayik Hamar ibsaniiru.

Akkaataan rakkoon nageenyaa Kaaba Ityoophiyaatti mudatee ture waliigaltee nageenyaan itti furame biyyoota biroof fakkeenya ta’uu akka qabu dubbataniiru.

Ameerikaan yeroo itti aanuus waliigalticha caalmaatti ittichuuf deeggarsa barbaachisu hunda kan taasiiftu ta’uu Maayik Hamar mirkaneessaniiru.

Rakkichi Gamtaa Afrikaa jalatti furmaata argachuun isaa Ameerikaatti gammachuutu itti dhaga’ama jedhan.

Waliigaltichis rakkoo Afrikaaf furmaanni Afrikaa murteessaa ta’uu agarsiiftuudha jedhaniiru.

Waliigalticha caalmaatti milkeessuuf Ameerikaan tumsa barbaachisu hunda taasisuu kan itti fuftu ta’uu eeraniiru.

Waraanni waggaa lamaaf ture haala kanaan furmaata argachuun biyyoota biroof fakkeenya ta’uu qaba jedhaniiru.

Waldhabdeen humnoota Waraanaa Sudaan gidduutti uumames mariin furamuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.

Maddi:-TOI

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.