Fana: At a Speed of Life!

Haalli qilleensaa magaalaa Finfinneetti uumame  balallii xiyyaaraa gufachiisuu ibsame

Finfinnee, Adoolessa 4, 2014 (FBC) – Haalli qilleensaa magaalaa Finfinnee hurriin haguugamuu isaatiin balaliin xiyyaaraa harkifachuu Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa beeksise.

Daandichi harkifannaafi dhamaatii uumameef  dhiifama gaafateera.

Maamiltoonnis ragaa daandichi dhimmicharratti dhiyeessu akka hordofan gaafachuu ragaan Daandii Qilleensaa Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Hurrii cimaan kan uwwifamte magaalattiin haalli qilleensa ishee inni olaanaan digirii seelichiyeesii 16 yoo ta’u gadi aanaan digirii seelishiyeesii 13 ta’uu ragaan Raaga Haala Qilleensaa Biyyaalessaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.