Fana: At a Speed of Life!

Haalli qilleensaa guyyoota torban itti aanaan jiraatu oomisha walitti qabuuf mijataa ta’uu ibsame

Finfinnee, Mudde 24, 2016 (FBC) – Haalli qilleensaa guyyoota torban itti aanaan jiraatu oomisha walitti qabuuf mijataa ta’uu Inistiityuutiin Raaga Haala Qilleensaa beeksise.

Qilleensii jiidhaan Walakkeessa Kibbaa fi kutaalee giddugaleessa biyyattiitti jiraatu oomisha turanii faca’anii fi biqiltootaaf haalan mijataa ta’uu ibseera.

Kutaalee Kaaba Bahaa, Gidduleessaa fi Baha Itiyoophiyaatti qilleensi jiidhaan hammaan muraasa ta’e kan eegamu ta’uu tilmaameera.

Guyyoottaan torban itti aanaan kutaaleen biyyattii harki caalu qilleensa gogaa, Aduu fi bubbee akka qabaatan ragaaleen kan mul’isu ta’uu himeera.

Torbee jalqabaa Baatii Amajjii keessas haalli qilleensaa gogaa, aduu fi bubbeen kan mul’atu ta’uu raagera.

Kutaaleen Kibba naannoo Somaalee, Godinni Gujii, Booraanaa,Naannoon Sidaamaa, fi Kibbi Itiyoophiyaa rooba salphaa hanga giddugaleessaa kan argatan ta’uu ibseera.

Waliigalaan guyyoottaan torban itti aanaan keessa Godinni Jimmaa,Arsiin Lixaa, Gujiin, Arsiin,Gujiin Lixaa, Booranaan, naannoon Sidaamaa, Kibba Itiyoophiyaa, Giddugaleessi Itiyoophiyaa fi Kibbi Lixa Itiyoophiyaa rooba idilee fi idileen olii argachuu akka danda’an himeera.

Akkasumas Godinaaleen Shawaa, Buunnoo Beddellee, Iluu Abbaa Boor, Baalee, Harargee lamaan, Baalee Bahaa, Kibbaa fi Baha Tigraay, Dirre Dhawaa, Hararii fi Godinaaleen Afaar Rooba waqtii isaa hin eegne kan argatan ta’uu ragaan Inistiityuutii Raaga Haala Qilleensaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.