Fana: At a Speed of Life!

Haalli qilleensaa amma mul’atu balaa ibiddaa uumuu waan danda’uuf eeggannoon akka taasifamu hubachiifame

Finfinnee, Sadaasa 15, 2016 (FBC)- Haalli qilleensaa amma mul’atu balaan ibiddaa akka uumamuu fi babal’atuuf gumaachuu waan danda’uuf, hawaasni eeggannoo barbaachisaa akka taasisu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa fi Ibiddaa Finfinnee hubachiise.

Balaan ibiddaa Magaalaa Finfinneetti mudataa jiru namaa fi qabeenyaarraan miidhaa geessisaa jiraachuu komishinichi eereera.
Yeroo ammaas haalli qilleensaa ho’ina qabuu fi qilleensa’aan balaa ibiddaa irra deddeebiin mudataa jiruuf gumaacha kan qabu ta’uun eerameera.

Gama kanaan hawaasni maddeen ibiddaa fi humna elektirikii wayita fayyadamu yeroo kamuu caalaatti eeggannaa cimaa akka taasisu hubachiiseera.

Balaa mudatuufis deebii hatattama kennuuf qophii barbaachisaan taasifamuu eeruun hawaasni toora bilbila bilisaa 939 yookaan 011-1-55-53-00’n beeksisuu akka danda’u koomishinichi dhaameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.