Haalli Ityoophiyaan rakkoo keessoo ishee itti furatte fakkeenya gaariidha – Ambaasaaddar Misgaanuu Argaa
Finfinnee, Eebla 17, 2015 (FBC) –Qajeeltoo rakkoo Afrikaaf furmaata Afrikaa jedhuuf haalli Ityoophiyaan rakkoo keessoo ishee itti furatte fakkeenya gaarii ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan ibsaniiru.
Ambaasaaddar Misgaanuun Gamtaa Afrikaatti Komishinara Dhimmoota Siyaasaa, nageenyaa fi tasgabbii Ambaasaaddar Baankoolee Adiiwooyyee waliin mari’ataniiru.
Ambaasaaddar Misgaanuun, Ityoophiyaan rakkoo keessoo ishee akka furattuuf deeggarsa Gamtaan Afrikaa taasiiseef galateeffataniiru.
Adeemsichi rakkoo Ardicha keessatti mudate ofiin furachuuf ga’umsi jiraachuu kan mul’ise ta’uu kaasaniiru.
Lammiileen Sudaanis rakkoo isaanii ofiin furachuuf ga’umsa qabaachuu eeruu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
Nageenyaa fi Tasgabbii Afrikaa eegsisuun gara boqonnaa haaraatti ce’uuf qindoominni biyyoota Ardichaa murteessaa ta’uu Ambaasaaddar Baankoolee Adiiwooyyeen dubbataniiru.
Tarkaanfii mootummaan Ityoophiyaa fudhateef kabajaa fi dinqisiifannaa olaanaa qabaachuu eeraniiru.
Ce’umsi haqaa eegalame akka milkaa’u Gamtaan Afrikaa tumsa barbaachisu hunda kan taasiisu ta’uu himaniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.