Fana: At a Speed of Life!

Haalli Itiyoophiyaan yeroo ammaa keessa jirtu hojii Dippiloomaasii cimaa gaafata – Ministeera Dhimma Alaa

Finfinnee, Amajjii 16, 2016 (FBC) – Haalli Itiyoophiyaan yeroo ammaa keessa jirtu hojii Dippiloomaasii cimaa kan gaafatu ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Haala waqtaawaa Itiyoophiyaa ilaalchisee Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Mallas Alam ibsa torbee kennaniiru.

Itiyoophiyaan qajeeltoo kennanii fudhachuu fi fayyadamummaa waloon hojiin misoomaa hojjetaa jirtu hojii dippiloomaasii cimaa kan gaafatu ta’uu Ambaasaaddar Mallas ibsaniiru.

Itiyoophiyaan biyyoota fi qaamoolee waloon misoomsina jedhanii dhufaan hunda waliin mari’achuu fi hojjechuuf yeroo hunda qophii ta’uu Ambaasaaddar Mallas Alam dubbataniiru.

Qajeeltoo kannan alaatti ibsiwwan dhimmichi akka caalmaatti hammaamtu taasisaan fudhatama kan hin qabnee fi kan hin fayyadne ta’uu ibsaniiru.

Walga’ii Gamtaa Afrikaa haala milkaa’inaa qabuun gaggeessuuf koreen biyyaalessaa hundaa’uun hojjetamaa jiraachuu Ambaasaaddar Mallas eeraaniiru.

Ambaasaaddar Mallas Hojii Mootummaan Hojjetuun alaatti Gamtaan Afrikaas qooda isaa akka bahatu gafaataniiru.

Fireehiyiwaat Saffiwutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.