Fana: At a Speed of Life!

Haala yeroo sababeeffachuun nageenya saayibariif of eeggannoon akka taasiifamu Ensichi ibsa laate

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2013 (FBC) – Haala yeroo sababeeffachuun nageenya saaybariif of eeggannoon akka taasiifamu Enjansiin Nageenya Infoormeeshinii yaadachiisa laate.
 
Haala qabatamaa biyyaa xiyyeeffannoo keessa galchuun yeroo kamiiyyuu caalaa haleellaa saayibarii ittisuuf qophii ta’uu Enjansiin Nageenya Infoormeeshinii beeksiseera.
 
Ejansichi dhaabbileen mootummaa, dhuunfaa fi hawasni Intarneetii fi neewarkiitti fayyadamaa jiran haleellaa saayibariirra ga’uu danda’u ittisuuf ga’ee isaanii akka ba’an yaadachiiseera.
 
Keessattuu haleellaan saayibarii bu’uraalee misoomaa kanneen akka dhaabbilee faayinaansii fi miidiyaa irratti xiyyeeffate raawwachuu akka danda’au hubachuun of eeggannoo cimaa taasiisuu qabu jedhame.
 
Hawaasni fi dhaabbileen yaalii haleellaa saayibarii taasiisuuf dhimmoota shakkii uumuun yoo argan ariitiin eeruu laachuu akka qaban ejansichi waamicha dhiyeesseera.
 
Dhimmoonni shakkii uumaan yoo muul’ate teessoowwan armaan gadiin eeruu laachuun kan danda’amu ta’uu eereera.
 
Lakkoofsa bilbilaa 0900896448,0936825343, 0944336802
E-Mail ethiocert@insa.gov.et
 
Sarara bilbilaa bilisaa 933 fayyadamuun eeruu laachuun kan danda’amu ta’uu ibseera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.