Haala yaa’iinsa daldalaa fi Invastimantii Ityoophiyaa fi Raashiyaa gidduu jiru guddisuun danda’amurratti mariin gaggeeffame
Finfinnee, Waxabajjii 28, 2014 (FBC) – Haala yaa’iinsa daldalaa fi Invastimantii Ityoophiyaa fi Raashiyaa gidduu jiru guddisuun danda’amurratti mariin gaggeeffameera.
Raashiyaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Alamaayyoo Taganuun haala Oomishaaleen Ityoophiyaa gara Raashiyaa seenuu danda’an ilaalchisee hoggantoota buufata magaalaa Piitarsibarg waliin mari’ataniiru.
Jilli Ambaasaaddar Alamaayyoon durfamu Itti aanaa Pireezidaantii Mana Maree Daldalaa fi Indaastirii Magaalaa Seent Piitarsibarg Ikaatar’iinaa Labeedeevaa waliin haal yaa’iinsa daldalaa fi Invastimantii Ityoophiyaa fi Raashiyaa gidduu jiru guddisuun danda’amurratti marii taasiisaniiru.
Tajaajila Loojastiksii naannawicha jiru ilaalchisees hoggantoota kanneen waliin mariin taasiifamuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.