Fana: At a Speed of Life!

Haala waldhabee wayita filannoo uummaman hiikuun danda’amurratti qorannoon gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Gurraandhala 28, 2012 (FBC) – Boordiin Filannoo Biyyaalessaa fi Manni Murtii Waliigala Federaalaa waldhabdee fi mormii yeroo filannoo uummamu haala hiikuun danda’amurratti qorannoo gaggeessaa jiru.
 
Qorannoon kun ga’ee manneen murtii, abbootii seeraa fi uwwisa seeraarratti kan xiyyeeffateedha jedhame.
Yeroo filannoo kenniinsa haqaarratti dhadhachi addaa kan gurmaa’u ta’uu Preezdaantiin Mana Murtii waliigalaa aadde Ma’aazaa Ashannaafii ibsaniiru.
 
waldhabdeewwan lakkaawwii sagalee fi bu’aa filannoon walqabatu murtee dhumaa kan laatu mana murtii waliigala federaalaa ta’uu kan ibsan aadde Ma’aazaan, murtichi haqa qabeessa akka ta’uuf qaamoolee dhimmichi ilaallatu hunda waliin qindoominaan kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.
 
Itti aanaa walitti qabaan Boordii Filannoo Biyyaalessaa obbo Wubsheet Ayyalaa gama isaaniin, manneen murtii dhimmoota filannoorratti walaba ta’uun itti gaafatamummaa isaanii seeraan ba’u amantaa jedhu qabna jedhan.
 
Haala Waldhabdee fi mormii yeroo filannoo uummamu hiikiin danda’amu, gabatee yeroo fi labsii ol iyyannoo hiikuuf ba’e lakkoofsa 1162/ 2011 irratti qaamoolee dhimmi ilaalu waliin mariin ni gaggeeffama jedhame.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.