Fana: At a Speed of Life!

Haala rakkoo hongeefi hanqina dhiyeessii bishaanii godina Booranaa furuun danda’amurratti mari’atame

Finfinnee, Fulbaana 23, 2015 (FBC)- Ministeerri Bishaaniifi Jallisii haala rakkoo hongeefi hanqina dhiyeessii bishaanii godina Booranaa furuun danda’amurratti magaalaa Yaa’abal’ootti qooda fudhattoota waliin mari’ateera.

Maricharratti Ministira Ministeera Bishaaniifi Jallisii Dooktar Injinar Habtaamuu Ittafaa dabalatee anga’oonni mootummaa federaalaafi naannoo, Abbootiin Gadaa Booranaafi jiraattonni magaalaa Yaa’abal’oo hirmaataniiru.

Rakkoo ijaarsa piroojektii Networkii Bishaan Booranaa mudate furuun yeroo dhiyoo keessatti ijaarsa piroojektichaa xumuruun hawaasa horsise bulaa godinichaa fayyadamoo kan taasifamu ta’uu Dooktar Injinar Haabtamuun ibsaniiru.

Sababa hongee godinichatti mudateen oomisha qonnaa bara 2013/2014 godinichatti qotame keessaa %98 guutummaan guutuutti manca’uu bulchaan godina Booranaa Obbo Jaarsoo Booruu himaniiru.

Maddi bishaanii Iskiimii bishaanii godinichatti tajaajila kennaa turan 137 goguu ibsaniiru.

Hongee mudateen bara 2014 irraa kaasee hanga ammaatti  beelladoonni miliyoonni 1.5 dhumuu kaasuun, sababa kanaan jiraattoonni godinichaa Birrii  biiliyoona 12 ol dhaabuu dubbataniiru.

Jiraattoota godinichaa miiliyoona 1.2 keessaa namoonni Kumni 800 ol dhiyeessii bishaan qulqulluu kan barbaadan ta’uu himaniiru.

Sababa hongeen namoonni Kumni dhibbi 6 fi 4   qa’eefi qabeenyaa isaaniirraa buqqa’uun harka nama ilaaluuf dirqamuu kaasaniiru.

Haalli qilleensa haala kanaan kan itti fufu yoo ta’e loon sanyii Booranaa baduu akka danda’an jiraattonni dubbataniiru.

Gammachuu Beekumatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.