Haala qabatamaa ummata tokkoo jijjiiruuf hoggansa saffisaafi ga’umsaan waahubatu diriirsuun dirqama – Pir. Shimallis Abdiisaa
Finfinnee, Amajjii 29, 2016 (FBC) – Haala qabatamaa ummata tokkoo jijjiiruuf hoggansa saffisaafi ga’umsaan waahubatu diriirsuun dirqama ta’uu Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.
Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaatera.
Lafti ummanni tokko gahuu danda’u, gahumsa hoggansi isaa gahee ofii ittiin baburratti kan rarra’e.
Haala qabatamaa ummata tokkoo jijjiiruuf hoggansa saffisaafi ga’umsaan waahubatu diriirsuun dirqama. Haala walxaxaa keessatti cehumsa dhugoomsuuf barbaachisummaan hoggansa tarsiima’aa dachaa dachaadha.
Hoggansi kaleessaa, dhiibbaa hamaa jala taa’ee hawwii ummata isaa guutuuf humna jiruun tarkaanfachaa tureera. Haata’u malee, gaheen gaafas harka isaa ture, hanga isa amma harka keenya jiruu kana murteessoo hinturre. Karaa kamiinuu haata’uu, imaanaan har’a harka keenya jiru, kan hoggansa darbee caala ta’uu ykn ta’uu dhabuu ummataa guutummatti kan murteessudha. Gaheen hoggansummaa hanga har’aatti qabaachaa turres, kan kana booda qabaanuu gadi.
Jabinniifi hanqinni hoggansi kaleessaa mul’dhise, dhaloota har’aa irratti dhiibbaa gaarifi yaraa arginu uumera. Bifuma kanaan, qulqullina dhabuun hoggansa har’a dhiyeessinuu, dhimma dhaloota afurii shan dhufan kan murteessuudha. Dogoggorri har’a gama hoggansaatiin umamu, dhaloota jarraa tokkoofi lama nutti aanee dhufu kan itti yeella’u ta’uu qomarraa buufachuu hin danda’amu. Faallaa kanaatiin, ga’umsi hoggansa har’a kenninu, ummata keenya bara baraan mataa olqabachiisa. Dhiyeessiifi raawwiin keenya har’aa hundi ittigaafatamummaa olaanaadhaan taasifamuu qaba kan jennu kanaafi.
Hanga imaanan ummataa nurra jirutti, seektaraafi intarpiraayizii kamuu gaggeessun, sadarkaa kamirraayyuu jiraachun, ulfina ittigaafatamummaafi gahee ergama keenyaa hinjijjiiru. Haalonni dhuunfaa keenyaa mijataa ta’uu ykn ta’uu dhiisuu malu; garuu ittigaafatamummaa qabnu kan geeddaru miti. Boruu saba keenyas kan murteessu cimmisa coba amanamummaafi quuqama ummataa idduma jirrurraa har’a agarsiisnudha. Bu’aan dhiyeessii tajaajila guyyuun kenninuu, har’a qofarratti kan daanga’e miti; kallattiin boruu sabaa kan murteessuudha.
Bifuma walfakkaatun, maal nadhibdeefi fashashirrummaa hoggansi kamuu dhimma dhaloota ijaaruu irratti agarsiisu, dhiifatamaan kan irra darbamu hinta’u. Akkasumas, tajaajilli hoggansaa qulqulluun osoo dhiibbaan keessaafi alaa jiruu kennaa jirru gahumsa hoggantummaa keenyaaf amanamummaa kan horuudha.
Akkuma beekamu, carraan har’a argame kun salphaatti kan dhufe miti; hiree itti laafuun hindanda’amneedha. Kana ta’uu gatii qaalii, lafeefi dhiiga danuu akka ummataatti itti kitilletu dhugaa baha. Kaayyoofi hirbuu bu’aa kanarraa madde itichuunis gatii malee hinta’u; aarsaa nubaasisu qaba. Hoggansi aanaafi godinarra jiru guyyaa guyyaan gatii guddaa gabbaraa jira.
Arsaa qaalii kana heyyamuun isaa, waan ofmararfachuu wallaalef miti. Hiree kana lafa qabsiisuu keessatti, hoggansa oljirruuf haala mijataa uumufi. Egaa nuti hoggansa hirbuu dhiigaa dhaalle waan ta’eef, dogoggoraafi dhibaahummaa dhimma ummataa irratti mul’dhatuuf kan garaa walii laafnu hinta’u. Harcaatii ergama ummataa irratti mul’dhatuufi maal nadhibdee umamuu danda’u gonkumaa kan irra walii darbinu hinta’u.
Hoggansi kun yeroo gabaabaa keessatti bu’aa qabatamaa argamsiisaa jiraachuun isaa dhugaa eenyumtuu ija jabinaan dura hin dhaabbanneedha. Haata’utii, gama tokkoon humnoota alaafi keessoo hadiida jijjiiramaa qabaterraa sigigeessuu barbaadan heddu jiru. Gama birootiin baay’inni, ariitiifi qulqullinni bu’aa hanga ammaa argame kan garaa nama cibsu miti.
Dhumarrattis, yaadan dhimma kanarratti qabu ibsee goolabuun barbaada. Hoggansi kun, aarsaa fedhellee isarraa haabarbaadu, mul’dhata ummata isaaf qabate milkeessuuf tasa kan libsatuu miti. Hiree kana, michichila jabaa dambaliin kamuu hin sochoofnefi injifannoo waloo obonboleettii fedheen hinreeqqifnetti jijjiiruuf hanqinaafi jabina isaa hunda adda baasee gaaffii hoggansaa amma jiruuf, bakkaafi yeroo barbaachisu kamittuu deebii ga’aa akka ta’u abdii guutuun qaba!