Fana: At a Speed of Life!

Haala nageenya magaalaa Finfinneerratti mariin gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Adoolessa 12, 2014 (FBC)- Biiroon Bulchiinsaa fi Nageenyaa Magaalaa Finfinnee fi Komishiniin Poolisii magaala Finfinnee Ejensiiwwan Eegumsaa dhuunfaa waliin haala nageenya magaalittiirratti marii gaggeessaa jiru.

Maricharratti ejensiiwwan kutaalee magaalaa hundarraa walitti babba’aniifi qaamoleen dhimmamtootaa argamaniiru.

Magaalichatti ejensiiwwan intarpiraayizii fi maayikiroo xixiqqaan gurmaa’an dabalatee ejensiiwwan 223 jiraachuu eerameera.

Ejensiiwwan hojjettoota naamusa gaarii qaban akkuma jiran, ejensiiwwan hojjettoota yakkaaf wal tumsan qaban akka jiran ibsamuu ragaan Waajjira Kantiibaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Nageenyaa fi tasgabbii magaalaa Finfinnee eeguu keessatti ga’een ejensiiwwanii olaanaa ta’uu ibsameera.

Ejenbsiiwwan nageenyaa fi tasgabbii magaalichaa eegsisuu fi hojjettoota naamusa gaarii qaban akkamiin horachuu qabu akkasumas rakkoolee mul’achaa jiran akkamiin furuun danda’ama kan jedhurratti mariin taasifamaa jiraachuu eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.