Haala Kabaja Ayyaana Irreechaa bara 2014 irratti mari’atamaa jira
Finfinnee, Fulbaana 4, 2014 (FBC) –Ayyaanni Irreecha Hora Finfinnee fi Hora Arsadii bara 2014 haala akkamiin kabajamuu akka qabu ilaalchisee Abbootiin Gadaa Magaalaa Adamaatti mari’achaa jiru.
Waltajjicha Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa fi Gamtaa Abbootii Gadaa Oromootu qopheesse jedhame.
Barri 2013 bara Qormaatilee hedduu keessatti injiffannoowwan gurguddoon itti galmaa’ee ta’uu Hogganaan Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa obbo Kabbaddaa Deessisaan ibsaniiru.
Sirni Gadaa fi duudhaaleen Oromoo waggoota 30 oliif laafee ture akka cimu Sirni Gadaa sirna barnootaa keessa galee akka baratamuu taasiifamuun, Oromoon waa’ee sirna isaa qorachuu fi gaaffachuu eegaluun,Sirni haqa Oromoon qabu akka cimuuf manni murtii aadaa akka hundaa’uu Caffeen labsamuun injiiffannoowwan bara 2013 galmaa’an keessaa isaan muraasa ta’uu eeraniiru.
Barri 2014’s bara injiffannoowwan caalmaaf hojjatamuudha jedhan obbo Kabbadaa.
Ayyaanni Irrechaa kana dura akkaataa itti kabajamaa jiruu fi akkaataa fuldurattis kabajamuu qabu irrattis yaadni ka’umsa marii obboo Kabbadaa Deesiissaan dhiyaatee irratti mari’atamaa jira.
Muluu Waaqshumeetu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.