Fana: At a Speed of Life!

Yeroo ammaa Ityoophiyaa ishee guddoo ijaaruuf hojjechaa jirra – MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Sadaasa 2, 2014 (FBC) – Haala hin taaneen iccitii biyyaa akka diinni argatu taasiisuun sirrii miti  jedhan Muummeen Ministiraa FDRI  Abiy Ahimad.

Lolli yeroo ammaa qabnu lola bu’uuraa rasaasaa osoo hin taane olola sobaat jedhan marii Addis Wag irratti argamuun yaada dhiyeessaniin.

Diinni yoo sobes  qaama gaafatuu fi akka hin sobne hamilees hin qabu waan ta’eef olola sobaa tamsaasaa jira jedhan.

Mootummaan garuu olola sobaa afarsuuf fedhiis hamilees hin qabu jedhan.

Injifatamuun seenaa keenyaa miti, Ityoophiyaanoonni  nagaa buusuu barbaadu, kana galma godhachuun ni hojjenna jechuun ibsan.
Waggoottan 30 darban miirri obbolamummaa akka laafu hojjetamaa turuu kaasan.

Yeroo ammaa Ityoophiyaa ishee guddoo ijaaruuf hojjechaa jirra jedhan.
Ityoophiyaan qormaata hunda injifachuun injifannoo akka galmeessitu wareegama barbaachisu kaffalaa jirras jedhan.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.