Haala abbootiin qabeenyaa Jarman paarkiiwwan indaastirii Ityoophiyaa keessatti bobba’uu danda’anirratti mari’atame
Finfinnee, Eebla 27, 2015(FBC)- Haala abbootiin qabeenyaa Jarman hojiilee invastimantiin paarkiiwwan indaastirii Ityoophiyaa keessatti bobba’uu danda’anirratti mari’atamuu ibsame.
Jilli Ittaanaa Ministira Ministeera Diinagdeefi Eegumsa Qabeenya Qilleensaa Jarman Yuudoo Filiippiin durfamu Paarkii Indaastirii Boolee daawwachuu ibsameera.
Jilichi Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Misooma Paarkiiwwan Indaastirii Akililuu Taaddasaafi Komishinara Komishinii Invastimantii Ityoophiyaa Lalisee Nameen simatamuu eeramuun, jajjabeessituuwwan abbootii qabeenyaa hojiilee invastimantiin Ityoophiyaatti bobba’uu barbaadaniif taasifaman akkasumas sochiilee hojii paarkiiwwan indaastiriirratti ibsi taasifamuu addeessameera.
Gareen Jilichaa sochiin hojii paarkiiwwan indaastirii keessa jiru jajjabeessaa ta’uu ibsuun, abbootiin qabeenyaa Jarman hojiilee invastimantiin Ityoophiyaatti akka hirmaataniif hojiilee deeggarsaafi hordoffii kan hojjetan ta’uu ibsuu ragaan Misooma Paarkiiwwan Indaastiriirraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.