Haadhoon Hoolaa takka yeroo tokkotti ilmoolee 5 dhalte
Finfinnee, Amajjii 16, 2017 (FMC) – Godina Goojjam Bahaa Magaalaa Dabrawarqitti Haadhoon Hoolaa takka yeroo tokkotti ilmoolee 5 dhalte.
Haadhoon tun kana duras yeroo adda addaatti ilmoolee 3 fi 4 dhaluu ishee abbaan qabeenyaa hoolattii dubbachuu ragaan Waajjira Komiinikeeshinii Aanaa Innaarjii irraa argame ni mul’isa.