Fana: At a Speed of Life!

Haadha Barataa Efireemiif manni jireenyaa abbaan ciisiicha 2 kenname

Finfinnee, Adoolessa 11, 2014 (FBC) – Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Haadha barataa Efireemiif manneen kutaalee hawaasaa harka qalleeyyii giddugaleefatanii ijaaraman keessaa mana abba ciisicha lamaa kenneera.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanecha Abeebee toora feesbuukii isaaniin akka ibsanitti, barachuun dhala namaarratti jijjiirama ilaalchaa wayiita fidu hiika guutuu qabaata.

Haaluma kanaan barataa Efireem Ballaxaa, ba’aa haadha isaa utuu itti hinyeella’in baachuun, bu’aa bayii haadholii Ityoophiyaa ifatti waan argisiiseef galatatu malaaf jedhaniiru.

Dargaggoonni biroonis, bu’aa bayii haadholii isaaniitti utuu hinyeella’iin, baratanii jijjiirama ilaalchaa fiduun ofii isaaniirra darbanii mul’ata biyya jijjiiru akka qabaatan dammaqsuuf, haadha Efireemiif manni abbaa ciisicha lamaa gumaachameera jedhan.

Dabalataan, Giddugala Nyaataa Qirqoositti carraan hojii akka mijateef ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.