Fana: At a Speed of Life!

Guyyoottan kurnan itti aanan Roobni cimaan idileen olii waan jiraatuuf of eeggannoon akka taasiifamu Inistiitiyuutchi hubachiise

Finfinnee, Hagayya 27, 2016 (FBC) – Guyyoottan kurnan itti aanan keessa Roobni cimaan idileen olii waan jiraatuuf naannawaan balaa lolaaf saaxilamoo ta’an of eeggannoo akka taasiisan Inistiitiyuutiin Raagaa Haala Qilleensaa Itiyoophiyaa hubachiiseera.

Kutaalee Giddugaleessaa, Lixaa, Kibba Lixaa fi naannawaa Kaaba Lixaatti Roobni cimaan idileen olii kan jiraatu ta’uu himeera.

Sababa kanaan naannawaan balaa lolaaf saaxilamoo ta’an of eeggannoo cimaa akka taasiisan Inistiityuutichi hubachiiseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.