Fana: At a Speed of Life!

Guyyoottaan kurnan itti aanaan kutaaleen biyyattii harki caalu haala Qilleensaa Aduu fi qalleensa’aa ta’e qabu – Inistiityuuticha

Finfinnee, Sadaasa 11, 2017 (FBC) – Guyyoottaan kurnan itti aanaan kutaaleen biyyattii harki caalu haala Qilleensaa Gogaa, Aduu fi qalleensa’aa ta’e kan qabaatan ta’uu Inistiityuutiin Raaga Haala Qilleensaa Itiyoophiyaa beeksise.

Haaluma kanaan kutaaleen Kaabaa, Bahaa, Kaaba Bahaa, Giddugaleessii fi Iddoowwan Baddaa Kibba biyyattii halkanii fi ganama qalleensa qorraa ta’e kan qabaatan ta’uu ibseera.

Akkaasumas kutaaleen Rooba Waqtii Bonaa 2ffaa argatan naannawaan Kibbaa, Kibbi Bahaa fi Kibbi Lixaa Rooba salphaa hanga giddugaleessaa kan argatan ta’uu eereera.

Naannoo Oromiyaatti Godinaaleen Baalee lamaan, Gujii Lamaan, Booranaa lamaan dabalatee kutaaleen biyyatti Rooba Waqtii Bonaa 2ffaa argatan Rooba salphaa hanga giddugaleessaa kan argatan ta’uu himeera.

Akkasumas naannawaan Rooba Waqtii gannaa eegalee Rooba argachaa jiran Godinaalee Wallaggaa arfan dabalatee Godinaaleen Beenishaanguul Gumuz harki caalu, Gaambeellaa muraasni rooba salphaa hanga giddugaleessaa kan argatan ta’uu raageera.

Gama biroon Godinaaleen Shawaa Arfan, Arsii Lamaan, Harargee lamaan, Finfinnee dabalatee kutaaleen biyyaattti hedduun Rooba Waqtii isaa hin eegne kan argatan ta’uu Inistiityuutichi ibsa kenneen himeera.

Sababa kanaan oomishaaleen gahan xiyyeeffannoon akka sassaabaman waamicha dhiyeesseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.