Fana: At a Speed of Life!

Guyyoottaan 10 xumuraa Baatii Hagayyaa keessa hammi roobaa ni hir’isa jedhame

Finfinnee, Hagayya 20, 2014 (FBC) – Guyyoottaan kurnan xumuraa Baatii Hagayyaa keessa hammi roobaa kan hir’isu ta’uu Inistiityuutiin Raaga Haala Qilleensaa Biyyaalessaa beeksiise.
Inistiityuutichi Hagayya 21 eegalee haala qilleensaa jiraachuu malu ilaalchisee ibsa laateera.
Haaluma kanaan Naannolee Gammoojjii Kaaba Ityoophiyaatti guyyoottaan kurnan xumuraa baatii Hagayyaa keessaa hammi Rooba Gannaa hir’isaa kan dhufu ta’uu tilmaameera.
Iddoolee Olka’oo Bahaa fi Kibba biyyattiiitti ammoo hammi roobaa dabalaa kan itti fufu ta’uu eereera.
Tilmaamni raaga haala qilleensaa guyyoota kurna itti aananii akka muul’isutti Roobni Gannaa guyyoottaan kurnan itti aanaan Kaaba, Kaaba Bahaa, Baha giddu galeessaa fi Lixa Ityoophiyaatti kan itti fufu ta’uu himameera.
Dabalataan kuufamni Duummessaa uumamu Rooba Cimaa qabaachuu akka danda’u ragaan Inistiityuutii Raaga Haala Qilleensaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.