Fana: At a Speed of Life!

Guyyootta 17 darbanitti nageenya biyyaa booressuuf socho’aa namoonni turan 287 to’annaa jala ooluu Koomiishiniin Poolosii Federaalaa beeksise

Finfinnee, Sadaasa 9, 2013 (FBC) Guyyootta 17 darbanitti nageenya biyyaa booressuuf socho’aa namoonni turan 287 to’annaa jala ooluu Koomiishiniin Poolosii Federaalaa beeksise.

Namoonni kanneen Shanee fi ABUT waliin hariiroo qabuun shakkamaniiti to’annaa jala kan oolfaman.

ABUT bu’uuraalee misoomaa diiguu, ajaja kaabaa raayyaa ittisa biyyaarratti gochaa gara jabummaa raawwachuu, poolisoota eegumsa bu’uuraalee misoomaarra turanirratti miidhaa qaqqabsiisera.

Shakkamtoonni 287 ABUT fi Shanee waliin qunnamtii qabaachuun Finfinneetti to’atamaniiru.

Dabalataan sakattoo tasaa taasifameen meeshaaleen waraanaa, maallaqni biyyaa fi biyyoota alaa hedduun to ‘atamaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo

https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.