Fana: At a Speed of Life!

Guyyoota lamaaf mariin Hidha Haaromsaa gaggeeffamaa ture marsaan jalqabaa xumurame

Finfinnee, Hagayya 22, 2015 (FBC)-Guyyoota lamaaf guutiinsaa fi gadi lakkisa bishaanii Hidha Guddicha Haaromsa Ityoophiyaa ilaalchisuun mariin Ijibti Kaayirootti gaggeeffamaa ture marsaan jalqabaa har’a xumuramuu Ministeerri Dhimma Alaa Beeksise.

Mariin gama sadee jila Itiyoophiyaa, Sudaanii fi Ijibti gidduutti gaggeeffamaa tureen, waliigaltee yaadaa, hundaa fayyadamtoota taasisuu danda’urra ga’amuun ibsameera.

Mariin gamsadee Itiyoophiyaa, Sudaanii fi Ijipti Fulbaana 2016 Finfinneetti itti fufuuf waliigalteerra ga’amuu TOI gabaaseera.

Itiyoophiyaan bu’uura qajeelfama haqa qabeessumma fi sababa bu’uureffateen gahee fi fayyadamtummaa ishee haalaa mirkaneessuun waliigalteen akka xumuramu tattaaffii taasisuu akka itti fuftu ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuuk:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.