Fana: At a Speed of Life!

Guyyoota kurnan itti aanan haalli qilleensaa Rooba uumuuf gumaacha qabu cimee itti fufa jedhame

Finfinnee, Guraandhala 4, 2016 (FBC) – Guyyoota kurnan itti aanan haalli qilleensaa Rooba uumuuf gumaacha qabu cimee kan itti fufu ta’uu Inistiityuutiin Raaga Haala Qilleensaa Itiyoophiyaa beeksise.

Haaluma kanaan Kibbni Lixa Itiyoophiyaa, Giddugaleessi Itiyoophiyaa fi Kutaalee Baha Naannoo Amaaraa, akkasumas naannawaan Sulula Qiinxamaa Rooba kan argatan ta’uu ibseera.

Kutaaleen Kaaba Bahaa, Giddugalli, Kibbi Lixaa fi naannawaan Sulula Qiinxaamaa kunneen hamma Roobaa fooyya’aa ta’e kan argatan ta’uu himeera.

Guyyoota shanan jalqabaa Rooba salphaa hanga giddu galeessaa kan argatan ta’uu ragaan Inistiityuuticharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.